Jaarmayaan ABO-WBO hordoftoota amantaa Islamaa, Qabsaawotaa fi ilmaan Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo deeggartan marti baga baatii Ramadaan Qulqulluu fi Guyyaa Eid Al-Faxir isin gahe jechaa, obboloota Musliimaa hunda, akkasumas uummata Oromoo kan haqaa, bilisummaa, walabummaa fi mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu deeggartan marti baga gammaddan! Eid Mubarak!
Akka barsiisa amantaa Islaamaatti baatiin kun baatii eebbaa ti, baatii itti uumaan uumama isaa ittii eebbisu, baatii namni wal lole itti araaramu, nagaa buusuu fi baatii namni Rabbii isaa irraa araara gaafatee itti argatuun eebba fudhatu dha. Yeroon kun yeroo itti namni akka nam tokkootti of qulqulleessu, of haaroyomsu, imaana isaa itti jabeessu, akkasumas akka hawaasaa fi sabaatti tokkummaa fi obbolummaa isaa itti cimsatu dha. Qulqulluu Qur’aanni akka jedhutti “Dhugumatti, haga uummati waan isa keessa jiru jijjiirutti Rabbiin haala ummataa hin jijjiiru.” (Suuratu Ar-Ra’d 13:11) Haala kanaan addunyaan of jijjiiruu dadhabde lola jabaa keessa baatee goolamaa hamaa keessa seentee jirti, abbootiin irrees of-jijjiiruu dadhabanii uummata irratti roorrisanii fixaa waan jiraniif, uummati keenyi humna Rabbii wajjiin wal-jabeessee jijjiirraa dhugaa kan Bilisummaa akka fidu dhaammanna.
Kanaaf, yeroo guyyaa kana ayyaaneffannu jijjiirraan qabatamaa fi dhugaa akka
addunyaa irratti nam-tokkoo irraa eegalee, hawaasaatti, afooshaatti, jaarmayaa fi sabaatti ta’u, jijjiirraan kunis kan bilisummaa, walabummaa, haqaa, nagaa, milkii fi injifannoon dhugoomsu akka ta’uu waliin hawwaa — jijjiiramni dhugaa akka dhugoomu; obsaan, imaanaan fi tokkummaan akka hojjennu jaarmayaan ABO-WBO dhaamsa dabarsa.
Hojiin keenyis akka milkaahu; Rabbi fayyaa fi nagaa akka nuuf kennu, bilisummaa fi kabaja akka nuuf mirkaneessu, nagaa, milkaa’ina fi qananii akka nuuf kennu, jaallan WBO dirree irraa qabsoo bilisummaa, haqaaf falmachaa jiran akka injifachiisu Rabbii keenya kadhachaa qabsoos jabeessine jijjiirama Rabbiin nuuf fiduu akeekkate irratti wal jajjabeessaa; jabinni baatiin Ramadaanaa keessatti arganne, akka qalbii keenya bara kana keessa bulche, cimsee, ifatti nu baasu, fi akka gara egeree milkaahinaa fi
bilisummaa guutuutti nu tarkaanfachiisu hawwaa jaarmayaan ABO-WBO baga
ayyaana Eid Al-Faxir geessan! Eid Mubaarak, isiniin jedha!
Baga Ayyaana Furaa Soomaaf Geessan!
Eid Mubaarak!
Jaarmiyya ABO-WBO Biyya Alaa
Bitootessa 19, 2026
