Waxabajjii 13, 2026
Jaarmayaan ABO-WBO biyya alaa marii hawaasaa Oromoo biyya alaa Waxabajjii 13, 2026 qopheessee jira. Hawaasni Oromoo sagantaa marii kana irraa qooda fudhachuun dhimoota haala yeroo, seenaa qabsoo, ijaarsa hawaasummaa, adeemsa siyaasaa fi tokkummaa qabsaawotaa iraati qabdan ifa fi bilisaan hogganootaa, hayyoota fi qondaalota jaarmayaaf dhiiheessuun deebii argachuu dandeessu. Akkasumas yaadaa fi gorsa ijaaraa fi QBOf humna ta’uu dandahu kennachuuf waltajii qophaahe kana irraa akka qooda fudhadhattan yaadachiisaa.
Marii kana irratti kan argaman:
- Hogganoota qabsoo bilisummaa Oromoo dirree irraa qabsoo gaggeessan; Jaal Qajeelaa Siraaj
- Haayyuu Seenaa Oromoo, tajaajilaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo umurii guutuu; Prof. Mohaamad Hasan.
- Haayyuu Gameessaa fi Bu’uureessaa ABO; Jaal Xahaa Abdii.
- Bakka buutuu caayaa tokkummaa dubartoota Oromoo idil-addunyaa, fi obboleettii jaal Milkeessaa Abbaa Gadaa; Jaal Haadha Aanaa.
- Gaafatamaa Diplomaasii Hawaasummaa jaarmayaa ABO-WBO biyya alaa fi falmaa mirga dhala namaa. Jaal DR. Luba Bantii Ujuluu.
- Miseensa Staafa Midiiyaa fi Sabqunnamtii Jaarmayaa ABO-WBO idil-addunyaa; Jaal Ibsaa dha.
Jaallan kun marii hawaasaa kana irraa qooda fudhachuuf qophii xumuratanii isin eegaa jiru. Kanaaf, guyyaa kana irratti hogganoota, haayyoota, ogeessota Oromoon qabdu kana waliin marihachuuf hiree argame kana dhimma itti bahuun akka yaada fi gaaffii qabdan dhiheessitan kabajaan isin afeerra!
Marihataan Gowwaa hin qabu!
Marii haawaasaa kana irraa qooda haa fudhannu!
Biyya keenya marii fi Waloon haa ijaarru!
Guyyaa: Waxabajjii 13, 2026
Yeroo: Sa’a 11am DC, 5pm CET, 6pm Oromiyaa (Galgala galcha Loonii).
Liinkii:
https://us02web.zoom.us/j/88137764101?pwd=MDcrd2dYb3BxOHlJS2M3bnR3WVVXdz09
Webinar ID: 881 3776 4101
Passcode: 964483
Birkii Ijaarsaa fi Siyaasaa ABO-WBO biyya alaa.

