• Fri. Nov 6th, 2026

Dhimma: Waamicha Kabaja Guyyaa FDG Irraa Qooda Fudhachuu! Jaarmiyya ABO-WBO Biyya Alaa

Nov 5, 2026

Guyyaan Fincila Diddaa Garbummaa (FDG), Sadaasni 9, Ummata Oromoo mara biratti guyyaa seenaqabeessa dha. Guyyaa kabajamaa kana Jaarmayaan ABO-WBO Hawaasa Oromoo waliin sadarkaa idiladdunyaatti Sadaasa 7, 2026 kabajuuf waltajjii Zoom irraan qopheessee jira. Yaadannoo guyyaa FDG kana hawaasa Oromoo biyya ambaa fi keessaa kan waliin kabajee oolu ta’a. FDG ilmaan Oromoo Sadaasa 9, 2005 eegalan Guyyaa seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti guyyaa warraaqsa fi jijjiirama bifa haaraan eegalamuu keessatti boqonnaa haaraa banee ta’ee hawaasa Oromoo hunda waliin kabajamee oolu qofa otoo
hin taane, guyyaa itti waliin dhimma Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti maryanu fi Qabsoo Bilisummaa
Oromoo tarkaanfachiisuuf itti Irbuu keenya haaromfatnu ta’a. Haala kanaan Sadaasni 7, 2026 Waggaa 21ffaa Guyyaa FDG gaafa yaadannu; haala siyaasa Oromiyaa, Impayera Itiyophiyaa, Gaanfa Afrikaa fi Sadarkaa idil Addunyaatti wal-hidhatu, akkasumas dhiibbaa inni qabsoo bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa irratti qabu ilaalchisee jaallan dirree waliin mariin gaggeeffama.

Guyyaa kanatti Gootota fincila diddaa garbummaa keessatti saba keenyaaf aarsaa guddaa baasan yaadachaa,
bu’aa bahii qabsoon bilisummaa Oromoo keessa dabartee fi keessa jirtu, carraa of-dura dhalachuuf deemu irratti wal-qopheessuuf mariin qabsaawotaa fi haayyota Oromoo waliin gaggeeffamu irraa akka qooda fudhattan; akkasumas, qabsoo uummati keenyi jaarmayaa ABO-WBO waliin gaggeesseen injifannoolee dirree lolaa keessatti galmeesse, injifannoo gama siyaasaan goonfate, injifannoo gama diplomasiin argame mara wal dhageessisuun egereef wal damboobsuun galaa qabsoo walii guduunfuun ni jiraata.

Kanaaf, kabaja guyyaa FDG irraa akka qooda fudhattan, miseensota hawaasaa, afooshaa fi waldaalee keessa
jiran marti akka irratti argamtan jaarmayaan ABO-WBO biyya alaa kabajaan isin afeeree jira.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Jaarmiyaa ABO-WBO Biyya Alaa

Guyyaan: Sadaasa 7, 2026

Yeroo: Akka Oromiyaatti Galchuuma booda Sa’aa 7:00pm, akka DCtti Guyyaa Sa’aa 12pm, Akka Gidduu
Galeessa Awuropaatti Sa’aa Booda 6:00pm

Bakki Walgahii: Mana Zoomii armaan gadii keessatti
https://us02web.zoom.us/j/88137764101?pwd=MDcrd2dYb3BxOHlJS2M3bnR3WVVXdz09

Leave a Reply