ONM-ABO Sadaasa 17, 2025
Godina Baalee Lixaa Aanaa Sinaanaa gandoota onichaa hunda keessatti murni saamichaa fi sirna dhablummaan jiraachuu adeeffate caasalee isaa tolfachuun gubbaa hanga gadiitti erga diriirsee booda akka adeemsa seeraatti osoo hin taane saamicha seer-maleessummaan hawaasa jireenya isaa geggeeffachuun itti ulfaatee jiru, afaan qawween saamaa jiraachuu jiraattooni onichaa Arraatta Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru
Onicha keessatti gara laafina tokko malee tarkaanfii hidhaa fi reebichaa geggeessaa kan jiran oggaa ta’u, kaabinoonni kunneenis dhimma nageenyaa aanaa Sinaanaa kan ta’e komaander Abdishuu fi ganda Gamoo irraa ammo:
- Mahaammud Aadam,
- Seeyifuu Kadir,
- Taajuu Huseen,
- Bakriishee Ibraahim,
- Taajuu Awwal,
- Taajuu Abduljaliil,
- Huseen mahaammud,
- Jeeyilaan mahaammad Huseen fi
- Bilaal Takkaa
kanneen jedhaman yommuu ta’an, namoonni kun tikkoota onichaa fi godinicha keessatti shoora ol’aanaa taphachuun adda durummaan uummaticha saamsisaa fi qe’ee isaanii abiddaan gubanii mancaasisaa jiraachuu maddeen odeeffannoo keenyaa ibsaniiru.
Uummanni Oromoo nagaa fi boqonnaa argatee misooma isaa geggeeffatee kan hin beekne keessumattuu erga koloneel Abiy Ahimed maqaa Oromootiin barcuma angoo siyaasaatti ol ba’ee kaasee qe’ee isaa keessatti saamamaa, ajjeefamaa fi rakkinoota garaagaraan dhaanamaa jiraachuun ni beekama.

