ONM-ABO Ebla 5, 2025
Godina Boorana Bahaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Adaadii fi aanaa Liiban gandoota akka Nuuraa Humbaa, Hardotii fi Qarsaa Mallee keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartu jedhuun uummanni jumlaan hidhamaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.
Keessattuu Ebla 3, 2025 namoonni qe’ee isaanii irraa ukkaamfamuun hidhaman maqaan isaanii:
- Alaakaa Ejersaa,
- Qararoo Olkoo,
- Roobee Kottoola,
- Caaltuu Dambalaa,
- Hasan Ahimad,
- Badhuu Olkoo,
- Gammadaa Degelaa,
- Dawidi Degelaa,
- Kureessaa Dhaddachaa,
- Bunee Damboobii,
- Baritee Alaakaa,
- Baddessoo Alaakaa dabalatee namoonni baay’inaan 19 ta’an mooraa waraanaa Adaadiitti hidhamanii jiraachuun ibsameera.
Kana malees Ebla 1, 2025 namoonni sagal ukkaamfamuun hidhamuu fi loon baay’inaan 20 ta’an kan Haajii Dabalaas ooffachuun mooraa waraanaa Adaadiitti akka galfatanis beekameera.
Hidhamtoonni siyaasaa hidhaman kunneenis maanguddoo ganna 70 olii Obbo Waaqoo dabalatee namoonni maqaan isaanii:
- Kotokaa Waaqoo
- Hajii Siddaa Diddaa
- Caaltuu Uttee
- Bareedduu Utee fi
kanneen hafan biroon hanga ammaatti mooraa waraanaatti hidhamanii akka jiran ONM odeeffateera.

