ONM-ABO Waxabajjii 28, 2024
“Namni badii ga’e nama galaafata akkuma” jedhan sirni bilxiginnaa waan ta’u wallaaluun waan qabee gadhiisu bita itti galee uummata nagaa irratti dararaa rifaasisaa ta’e raawwachuun dhabamaaf akka yeroon itti gabaabbate ifatti calaqisiisaa jira.
Uummata karaa nagaa gaggeessuu irra humnaan gaggeessuu, nagaa lammiilee tiksuu irra nagaa lammiilee booressuu, qabeenya hawaasaa eeguu irra qabeenya isaa saamuu, uummata lafa qabsiisuu fi ijaaruu irra diiguu fi buqqisuun godaansisuu filatee gocha dabaa hojjechaa jira.
Waxabajjii 26, 2024 Godina Gujii Bahaa ona Gooroo Doolaa ganda Sokoraa Dirribaa iddoo addaa gaara Calanqoo jedhamutti Waraanni PP meeshaa gurguddaa akka Moorteraa fageenya irraa darbuun uummata nagaa mucaa durbaa daa’ima umrii 12 maqaan ishee Gannituu Laaluu Gubboo jedhamtu kichuutti lubbuu ishii galaafateera.
Dabalataanis meeshaa gurguddaa qiyyaafannaa isaa uummata godhatee darbachuun uummata obbaasuun cinatti Waxabajjii 26, 2024 onuma Gooroo Doolaa ganda Nuuraa Humbaattis nama Caaccuu Boruu Kilaa maatii isaa guutuu waliin qabanii hidhaatti naquun dararaa jiraachuun himame.
Akkasumas qabeenya inni dafqa itti dhangalaasee waggaa dheeraatti horate kashalabboonni bilxiginnaan bobbaafaman qarshii 40,000 mana isaa keessaa fudhachuun horii isaa 35 ol akka nama horeetti moonaa keessaa ooffattee deemuun maatii harka duwwaatti hambisuun barameera.

