Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaatti waraanni faashistii Abiy Ahimed namoota nagaa ja’a bakka tokkotti rasaasaan rukuchuun ajjeesan

Godina Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaatti waraanni faashistii Abiy Ahimed namoota nagaa ja’a bakka tokkotti rasaasaan rukuchuun ajjeesan.

ONM-ABO Onkoloolessa 23, 2022 Waraanni sirna faashistii Itoophiyaa kan mataa nafxanyoota koloneel Abiy Ahimediin hoggabamanii fi teessoon isaa falmattoota haqaa jalatti kirkire akka hin Jigne tiksuuf uummata nagaatti bobbaafaman, saba Oromoo dachee isaa irratti , samii irraan xiyyaaraan bombii roobsaa, lafa irraan rasaasa itti dhukaasee ajjeessuu aadaa godhatee itti fufee jira .
Haaluma kanaan Onkoloolessa 22, 2022 godina Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Mucoo bakka addaa Haroo Galmaa jedhamuun beekamutti waraanni shiftichaa namoota nagaa ja’a, obboleewwan 2 fi dubartiin tokko kan keessatti argamtu bakka tokkotti rasaasaan tumanii ajjeessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Ilmaan Oromoo Oromummaan isaaniin yakkamuun jumlaan ajjeefaman ja’an Jamaal Gololchaa, Sulxaan Gololchaa obboleeyyan, akkasumas Isiyaaq Kundhee, Kadiir Uddoo, Hawwoo Useen Jilootii fi Tundhee Nagaasaa ta’uun barameera.

Ilmaan Oromoo naannicha irraa ajjeechaa jumlaa murni bilxiginnaa raawwate kanatti gaddan gama isaaniin akka jedhanitti, gochi kun Oromoo ta’uu keenya qofaaf nu irratti raawwachaa waan jiruuf teenyee du’aa keenya awwaallachuu keenya irra falmannee dachee keenya irratti diina awwaaluu wayya jechuun uummatni Oromoo tokkummaan falmaa akka finiinsu dhaammataniiru.

Exit mobile version