ONM-ABO Guraandhala 18, 2024
Murni faashistii PP lola uummatni Oromoo mirga abbaa biyyummaa isaa kabachiifachuuf karaa gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo taasisaa jiruu fi diddaa uummataa geggeessaa jiru dadhabsiisuu yoo danda’e dhabamsiisuuf ajjeechaa, hidhaa, mannee gubuu fi gudeeddii meeshaa waraanaa taasifatee raawwachaa jira.
Akka kanaanis kibba Oromiyaa godina Gujii bahaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Mucoo keessatti kaleessa Guraandhala 17, 2024 waraanni goolessaan Abiy Ahimed nama maqaan isaa Waaree Areeroo jedhamu rasaasaan rukuchuun yoo madeessan manneen ja’as gubanii barbadeessanii jiru.
Namootni manneen jalaa gubate Culuqqee Mi’eessaa, Kuree Lookoo, Badhaadhaa Dennii, Gobbuu Gambeelaa, Xaahir Qaasim fi dubartii maqaan ishee nu hin ga’in tokko akka jirtu barameera.
Waraanni faashistii PP godina Gujii bahaa aanaalee adda addaa keessatti saamicha, ajjeechaa, hidhaa, manneen gubuu fi gudeeddiin isaan raawwatan ija miidiyaalee Idil Addunyaa fi dhaabbilee mirga namoomaa jalaa dhokatee, hawaasni itti dararaa argaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

