Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP godina Gujii bahaa aanaa Gooroo Doolaatti nama tokko rasaasaan rukuchuun mana ja’a guban

ONM-ABO Guraandhala 19, 2024

Murni faashistii PP lola uummatni Oromoo mirga abbaa biyyummaa isaa kabachiifachuuf karaa gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo taasisaa jiruu fi diddaa uummataa geggeessaa jiru dadhabsiisuu yoo danda’e dhabamsiisuuf ajjeechaa, hidhaa, manneen gubuu fi gudeeddii meeshaa waraanaa taasifatee raawwachaa jira.

Akka kanaanis kibba Oromiyaa godina Gujii bahaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Mucoo keessatti dheengadda Guraandhala 17, 2024 waraanni goolessaan Abiy Ahimed nama maqaan isaa Waaree Areeroo jedhamu rasaasaan rukuchuun yoo madeessan manneen jahas gubanii barbadeessanii jiru.

Namootni manneen jalaa gubate Culuqqee Mi’eessaa, Kuree Lookoo, Badhaadhaa Dennii, Gobbuu Gambeelaa, Xaahir Qaasim fi dubartii maqaan ishee nu hin ga’in tokko akka jirtu barameera.

Waraanni faashistii PP godina Gujii bahaa aanaalee adda addaa keessatti saamicha, ajjeechaa, hidhaa, manneen gubuu fi gudeeddiin isaan raawwatan ija miidiyaalee Idil Addunyaa fi dhaabbilee mirga namoomaa jalaa dhokatee, hawaasni itti dararaa argaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version