Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaa keessaa milishaan sirnichaa tokko WBO’tti harka kennate

ONM-ABO Adoolessa 24, 2024

Meeshaa of harkaa qabutti fayyadamuun murni bilxiginnaa qonnaan bultoota hojii isaanii malee dhukaasa irraa quba hin qabnee fi abbootii maatii ta’an teessuma isaanii qofaaf yaaduun namoota hedduu leenjii torban lama hin guunne leenjisuun meeshaa itti hidhanii fedha isaanii malee leenjisuun bobbaasaa jiru.

Haaluma kanaan Adoolessa 23, 2024 godina Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaa mooraa Adaadii irraa milishaan sirnichaa tokko AKM tokko hidhannoo guutuu waliin gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatee jira.

Akka milishaan sirnichaa kun jedhettis jalqabuma irraayyuu maatii isaa irraa dirqamaan akka qabame himuun, gara jabeenyi loltoonni kunneen hawaasa nagaa irratti raawwatan akka isa aarsee fi filannoon koo uummata kiyya miidhuu irra uummata koof dhaabbachuudha jechuun akka WBO’tti dabalamuu filate ibseera.

Dhuma irrattis simannaa WBO’n taasiseefitti gammaduun milishoota sabaan Oromoo ta’anii dirqama gubbaarraa isaanitti kennameen hawaasa isaanii miidhaniif yeroon kun yeroo itti uummata ofii miidhan osoo hin taane uummata ofiif gaddisa ta’an waan ta’eef saba keessan tajaajilaa jechuun dhaamsa dabarfataniiru.

Exit mobile version