Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii lama godina Gujii bahaa aanaa Gooroo Doolaa irraa WBOtti makaman

ONM-ABO Onkoloolessa 16, 2023

Murni faashistii PP ilmaan Oromoo humnaan qe’ee abbaa isaanii irraa qabuun leenjii waraanummaa erga kenneefiin booda lola isaan hin ilaallannetti bobbaasuun lubbuu ol adeemtota kuma dhibbootaan lakkaa’aman ajjeesisuun cinaatti, qe’eedhuma abbaa isaaniitti duulchisanii maatii isaanii akka ajjeesanii fi dararan gochaa jira.

Gocha murni faashistii PP kun ilmaan Oromoo gaaffii abbaa biyyummaa isaanii akka hin kaasneef qawween cabsuu filannoo godhatee socho’aa jiraachuu Abiy Ahimeditti kan haaraan ilmaan Oromoo quuqama saba isaanii qaban, mooraa sirnichaa keessaa qawwee fi hidhannoo isaanii waliin WBOtti makamaa jiru.

Dheengadda Onkoloolessa 13, 2023 miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 2 qawwee fi hidhannoo guutuu waliin mooraa waraana bilxiginnaa godina Gujii bahaa aanaa Gooroo Doolaa magaalaa Adaadii irraa ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamanii jiru.

Miseensotni waraana bilxiginnaa dheengadda Onkoloolessa 14 WBO bira ga’aan kun qawwee AKM Raashiyaa lama, rasaasaa fi boombii mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii kan taasisan yoo ta’u, gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamuu isaanis gammadanii, ilmaan Oromoo achitti hafaniifis dhaamsa dabarsaniiru.

Exit mobile version