ONM-ABO Adoolessa 21, 2023
Murni maafi’aa PP ilmaan Oromoo humnaa fi goyomsaan qe’ee abbaa isaanii irraa qabuun Itoophiyaa suphii Oromoo taate ittiin tiksuuf leenjisee bobbaasus, kaayyoon bilxiginnaa ilmaan Oromoo qorqalbii cabsee biyya isaanii Oromiyaa akka lagatanii Itoophiyaa faarsan gochuu akka ta’e irratti dammaquun keessaa ba’anii kanneen WBOtti makaman hedduu dha.
Torbee kana keessa Adoolessa 19 fi 20, 2023 godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa fi Arjoo Guddattuu irraa miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 3 qawwee Turkii 2, dachaatuu 1, boombii harkaa 2, rasaasa 543 fi hidhannoo mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti galii taasisanii jiru.
Kana malees godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii keessatti miseensotni waraana bilxiginnaa 2 qawwee dachaatuu 2, boombii 1, rasaasa 400 fi hidhannoo qabachuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamanii jiru.
Godina Gujii aanaa Bulee Horaa irraas miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 6 qawwee fi hidhannoo guutuu waliin WBOtti makamaniiru.
Ilmaan Oromoo osoo hin beekin lola isaan hin ilaallanne kaaba impaayerattii irratti hirmaachuun lubbuu qaalii kaffalanitti gadduun har’a ammoo murni dhiiga Oromoo hin quufne saba keenya akka lolluuf nu bobbaasus dirqama cubbamaa kana mormanii ba’uun WBOtti makamuu isaaniitti gammachuu akka qaban ibsaniiru.
Waraanni Bilisummaa Oromoos miseensota waraana bilxiginnaa kanaaf simannaa oo’aa gochuufiin, ilmaan Oromoo achi keessatti hafan daandii isaanii kana hordofuun qawwee fi hidhannoo waliin WBOtti makamanii akka saba isaanii irraa garbummaa fonqolchan waamicha taasisaniiru.

