ONM-ABO Adoolessa 28, 2023
Impaayerri Itoophiyaa nagaa fi tasgabbii dhabuun ilmaan hiyyeessotaa akka barcuma aangoo isaanii tiksaniif gara mooraa leenjiitti humnaan erguun lola isaan hin ilaalannetti waggootan shanan kana hirmaachisaa kan jiran geggeesitoonni bilxiginnaa, kaayyoo dabaa kana kanneen hubatan ilmaan Oromoo quuqama lammummaa qaban sirnicha ganuun WBOtti makamaa jiru.
Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa Adoolessa 27, 2023 miseensotni raayyaa ittisa Impaayera Itoophiyaa 6 godina Lixa Wallaggaa mooraa ona Qilxuu Kaarraa keessaa namni 1 mooraa Begii magaalaa Begii keessaa namni 1 fi mooraa Qondaalaa bakka addaa Maree Suuqaa jedhamu irraa ammoo namoonni 4 akka ba’an odeessi achii nu qaqqabe ni addeessa.
Miseensonni waraana bilxiginnaa kun Qawwee turkii 5 isnaaypeerii 1, rasaasa AKM 830 fi hidhannoo guutuu waliin sirnicha keessaa ba’uun WBOtti dabalamuun ilmaan Oromoo sirnicha keessatti hafaniifis sirnicha ganuun WBOtti akka makaman dhaamsa dabarsaniifii jiru.

