Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensi raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa 1 sirnicha ganuun lixa Wallaggaa ona Qilxu kaarraa irraa gooticha waraana bilisummaa Oromootti harka kennachuun beekame

ONM-ABO Mudde 15, 2023

Mooraa dabaan ijaarame hin utubnu kan jedhan loltoonni impaayera Itoophiyaa keessatti akka uummata nagaa ajjeesaniif bobbaafaman, yeroodhaa yerootti sirnicha ganuun WBOtti dabalamaa jiru.

Haaluma kanaan Muddee 13, 2023 lixa Wallaggaa ona Qilxu kaarraa mooraa magaalaa Qilxuu kaarraa irraa miseensi loltuu impaayeratti kan sabaan Oromoo ta’e tokko meeshaa isaa hidhannoo guutuun waraana bilisummaa Oromoo bira kan ga’e yoo ta’u, karaa WBOs simannaa ho’aan akka taasifameef maddeen Onichaa ONM dubbise ifoomsaniiiru.

Mooraa cubbuu sirna PP keessaa gosa meeshaa qawwee AKM turkii 1, rasaasa 165, boombii harkaa 2 fi gumbii 3 baasuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof kan oolche yoo ta’u, hiriyyoota isaa mooricha keessatti hafaniifis dhaamsa Oromummaa dhiibbaa sirnichi isaan irratti geggeessaa jiruuf hubannoo wanta qabdaniif,sirna dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasu kana utubuu dhiisaati akkuma kiyya WBOtti dabalamaa jechuun dhaamsa isaa dabarfateera.

Exit mobile version