Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni murna bilxiginnaa 4 godina lixa Wallaggaa ona Qilxu Kaarraa irraa gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuun barame

Waraanni murna bilxiginnaa 4 godina lixa Wallaggaa ona Qilxu Kaarraa irraa gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuun barame.

ONM-ABO Hagayya 9, 2022 Sirni bilxiginnaa mataan tortoruun ofiifuu bilxiginnaan Oromiyaa garee tolfatanii kan wal lolaa jiran fedhii leellistoota Minilikii fi hawwiitoota qabiyyee durii jedhan guutuuf Waraana Bilisummaa Oromoo fi uummata Oromoo loluuf Oromiyaa keessa bobbaafaman adeemsa sirnichaa mormuun Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiru.
Kaleessa Hagayya 8, 2022 godina Lixa Wallaggaa ona Qilxu Kaarraa keessatti loltootni bilxiginnaa miseensa raayyaa ittisa biyyaa murni bilxiginnaa jedhuu fi poolisiin humna addaa Oromiyaa 4 qawwee AKM 6, boombii harka 8, rasaasa 950 hidhannoo guutuu waliin mooraa diinaa keessaa onsuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo gabbisuuf qabatanii harka kennatan.

Waraanni murna bilxiginnaa mooraa diinaa ona Qilxu Kaarraa keessaa sirnicha ganan kun gaaffii fi deebii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa waliin taasisaniin sirnichi ta’e jedhee ilmaan Oromoo lafa irraa akka dhumaniif irratti akka hojjechaa jiru kaasuun lola Tigraay irrattis ilmaan Oromoo qofatti baasuun adda waraana irratti bobbaaseen hedduun akka lubbuu dhabe ibseera.

Kana malees mooraa bilxiginnaa keessa tokkummaan akka hin jirree fi ilmaan Oromoo gadi ilaalamuun yoo gaafatan hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabduun akka doorsifaman kaasuun ilmaan Oromoo gara lixaatti dhufan qawween illee harkaa fuudhamee harka duwwaa akka deeman dabaluun ibseera.

Dhuma irrattis ilmaan Oromoo yeroo ammaa miseensa waraana bilxiginnaa ta’anii tajaajilaa jiraniif sirna cubbuu fi daba ilmaan Oromoo irraan ga’aa jiru kana ganuun gara qabsoo dhugaa saba isaaniitti akka dabalaman yookiin wal qindeessuun qawwee diinni saba isaanii akka ajjeesaniif hidhachiise afaan isaa isaanumatti akka deebisaniif dhaamsa dabarfataniiru.

Exit mobile version