Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Poolisootni humna addaa Oromiyaa 4 godina lixa Shaggarii fi baha Wallaggaa keessatti harka kennatan

Poolisootni humna addaa Oromiyaa 4 godina lixa Shaggarii fi baha Wallaggaa keessatti harka kennatan.

ONM – ABO – Amajjii 9, 2023 Murni bilxiginnaa afaan qawween uummata nagaa bulchuuf loltoota maqaa adda addaan leenjisee uummata gidduutti bobbaasuu lubbuu uummataa fi loltoota isaa balleessaa jiraachuutti kan mufatan miseensotni poolisii humna addaa Oromiyaa mooraa bilxiginnaa gananii yaa’aa jiru.

Haala kanaanis kaleessa Amajjii 8, 2022 mooraa poolisoota humna addaa Oromiyaa godina lixa Shaggar aanaa Tokkee Kuttaayee bulchiinsa magaalaa Gudar mana barumsaa bultii addaa irraa miseensi tokko qawwee AKM 1, hidhannoo fi rasaasa 150 fudhachuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatee jira.

Kana malees achuma lixa Shaggar fi baha Wallaggaa aanaa Limmuu Galiilaa irraa poolisootni sadii qawwee AKM 3, rasaasa 450, hidhannoo sadii fi boombii 2 mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ittiin gabbisanii jiru.

Akka miseensotni poolisii humna addaa Oromiyaa kun jedhanitti murni bilxiginnaa ilaalcha jibbiinsa Oromummaa irratti ijaarame diigamaa akka jiruu fi baay’ina waraanaa malee bulchiinsi waraanaa waan hin jirreef sirna Oromoo adamsee ajjeesu ganuun gara WBOtti dhufne erga jedhaniin booda, ilmaan Oromoo achi keessatti hafanii qawwee diinaa baachaa jiranis sirnicha ganuun waraana bilisummaa Oromootti harka akka kennatan dhaamsa dabarsaniiru.

Godina lixa wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa Keessatti Waraanni murna bilxiginnaa namoota hidhuu, ajjeesuu fi qabeenyaa saamuu itti fufan.

ONM – ABO – Amajjii 9, 2023 Murni afaan qawween uummaata bulchuuf halkaniif guyyaa dhama’u bilxiginnaan Amajjii 7, 2023 ona Qilxuu Kaarraa ganda Buukee Akkachee jedhamu keessatti namoota nagaa Ayyaana Gannaa kabajuuf walitti qabamanii Loon Qalachaa jiran irraa ari’uun fe’atanii deeman.

Yeroo saamicha kana geggeessanittis dargaggoo maqaan isaa Magarsaa Qajeelaa jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesan.

Itti dabaluunis manneen namoota caccabsuun qabeenyaa xixiqqaatii hanga gurguddaa saamuun namoota ayyaana kabajuuf qophii irra jiran nageenya isaanii booressuun oliif gadi gugsa turan.

Waraanni murna bilxiginnaa ji’a tokkoa asitti tilmamaan namoota 150 ol ta’an badii tokko malee mana hidhatti galchuun dhiibbaa gurguddaa irrattii raawwachaa jiru.

Maqaa namoota hidhamanii jiraniis obbo Fiqaaduu Gobaanaa, Uummataa Dhinaa, Yaareed Taammana, Eebbaa Taammanaa, Waaqtolaa Abarraa, Biniyaam Guddataa, Biqilaa Tulaam, Geetachoo Tashoomaa, Fiqaaduu Qananii, Taammanaa Almaad jedhamanii fi kanneen biroo hedduu ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version