ONM-ABO Waxabajjii 24, 2023
Impaayera nageenya dhabuun raafamaa jirtu keessatti teessoo Abiy Ahimed tiksuuf ilmaan Oromoo goyyomsaa fi dirqiin qabamuun leenjii waraanummaa fudhatanii saba isaanii akka ajjeesaniif bobbaafaman ergama badiisaa mataa nafxanyootaan itti kenname mormuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiru.
Haaluma kanaan torbee kana keessa qofa godina Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu keessatti waraanni raayyaa ittisa impaayerattii 30 qawwee AKM Turkii 17 fi dachaatuu 30 qabachuun WBOtti yoo makaman aanaa Saasiggaa irraa loltootni 4 qawwee fi hidhannoo guutuu waliin WBO bira ga’anii jiru.
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii mooraa magaalaa Qellem irraa loltootni 10, magaalaa Gidaamii fi aanaa Anfilloo magaalaa Muggii irraa loltootni 2 sirnicha ganuun hidhannnoo guutuun WBOtti makamanii jiru.
Godinuma Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee irraa loltootni 6 akkasumas Yemaaloogii Walal irraa loltootni 4 qawwee fi hidhannoo waliin sirnicha ganuun WBOtti makamanii jiru.
Godina lixa Shaggar aanaa Jibaat irraa loltootni 4 akkasumas lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu irraa loltootni 2 guyyaa kaleessaa Waxabajjii 23, 2023 mooraa bilxiginnaa keessaa ba’uun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo bira ga’anii jiru.
Loltootni bilxiginnaa kun dirqii fi goyyomsaan akeeka murna bilxiginnaa milkeessuuf daba saba isaanii Oromoo irratti hojjetaniif dhiifama gaafachuun, saba isaaniif qabsa’anii wareegama barbaachisu baasuuf qophii ta’uu dubbatu.
Waraanni Bilisummaa Oromoo bakkoota adda addaatti simannaa hoo’aa loltoota bilxiginnaa sirnicha gananiif taasisuun, ilmaan Oromoo sirnicha keessatti hafanii jiranis gaafatama seenaa jalaa ba’uun saba isaaniif qabsaa’uuf qawwee fi hidhannoo isaanii waliin bakka WBO’n jiru cufatti akka harka kennatan dhaamaniiru.

