Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni bilxiginnaa 12 godina baha Wallaggaa, lixa Wallaggaa fi Qellem Wallaggaa keessatti  WBOtti harka kennatan

ONM- ABO Guraandhala 3, 2023 Dhaabbatni waraana bilxiginnaa osoo Abiy Ahimed meeshaalee waraanaa ammayyaa Turkii, Raashiyaa, Iraanii fi Arab Imireetota irraa itti guuruu tattaaffii isaa bishaanitti naquun diigamuu itti fufee jira.
 
Haleellaa laaleessaa Waraanni Bilisummaa Oromoo irratti raawwatuun kan baaraganii fi kanneen goyomsaan mooraa cubbuu aangoo Abiy Ahimed tiksuuf ijaarame hin tajaajillu jedhan guyyaa guyyaan keessa badaa jiru.
 
Dheengadda Guraandhala 1, 2023 godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa irraa ilmaan Oromoo  afur qawwee AKM turkii 2, raashiyaa 2, rasaasa 650, boombii 3 fi hidhannoo mooraa diinaa keessaa baasuun WBOf galii godhaniiru.
Waraanni kun kutaa waraanaa 16ffaa koorii 104ffaa iizii giddu galeessaa irraa akka bobbaafamanii turan dubbataniiru.
 
Oduma wal fakkaatuun godina lixa Wallaggaa  aanaa Gimbii  irraa loltootni raayyaa ittisa impaayerattii  afur akkasumas Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo irraa 4 qawwee fi hidhannoo guutuu waliin mooraa diinaa ganuun WBOtti harka kennatan.
 
Ilmaan Oromoo sirna kufaa jiru kanaaf aarsaa gatii hin qabne kafalaa jiran qawwee fi hidhannoo isaanii qabachuun abdii sabaa WBOtti dhufuun Oromiyaa biyya taasisuuf hojjechuu qabu jechuun dhaamsa isaanii dabarsaniiru.

Exit mobile version