ONM-ABO Adoolessa 11, 2023
Ilmaan Oromoo afaan qawween doorsifanii sirna nama nyaataa PPn dirree waraanaatti ergaman alagaaf qawwee baannee saba keenyatti hin dhukaasnu jechuun mooraa diinaa keessaa meeshaa isaanii qabatanii qabsoo haqaa saba isaanii ABO-WBOn geeggeffamaa jirutti guyyaadhaa gara guyyaatti makamaa jiru.
Haaluma kanaan Adoolessa 7, 2023 godina Qellem Wallaggaa Aanaa Anfilloo mooraa waraana bilxinnaa magaalaa Seertumii irraa qawwee AKM Turkii 2, hidhannoo 2, fi rasaasa 328 qabatanii mooraa diinaa onsuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ittiin gabbisanii jiru.
Oduuma wal fakkaatuun miseensotni waraana bilxiginnaa 2 godina baha Wallaggaa aanaa Arjoo Guddattuu mooraa waraanaa Dhidheessaa irraa qawwee AKM Turkii 2, rasaasa 350, boombii harkaa 2 fi hidhannoo qabatanii WBO bira nagaan ga’anii jiru.
Ilmaan Oromoo kunneenis sirna gabroomtaa bilxiginnaa qawwee baatanii tajaajilaa turuu isaaniitti saba isaanii dhiifama gaafachuun, warreen Oromoo ta’anii sirnachaaf meeshaa baataa jiraniin hidhannoo fi qawwee isaanii waliin akka yeroon qabsoo saba isaaniitti makaman dhaamsa dabarsaniiru.
Ajjeechaan ilmaan Oromoo mana hidhaa keessa jiran irratti raawwatu jabaatee itti fufe.
ONM-ABO Adoolessa 11, 2023
Waraanni faashistii PP dhiiga ilmaan Oromoo badii tokko malee ilaalcha siyaasaa itti maxxansuun dhangalaasuu itti fufee jira.
Jimaata darbee Adoolessa 7, 2023 ergamtootni impaayeera Minilik nama maqaan isaa “Gammachiis Baqqalee jedhamu godiina Baha Wallaggaa aanaa Diggaa naannoo magaalaa Diggaatti ajjeesanii gatuun reeffi akka hin kaasne dhorkaa turan.
Obbo Gammachiis aanaa Diggaa ganda Jirmaa jedhamu tti maatii horee abbaa ilmaanii ta’ee hojii dhuunfaa isaa hojjetatee jiraachaa osoo jiruu waraanni mafiyaa fi caasaan PP doorsisaa waan itti hammeessaniif lubbuu isaa baafachuuf magaalaa Naqamteetti galee jiraachaa ture.
Gareen shororkeessaan kun magaalaa Naqamteetti torbee lamaan dura adamsee qabuun magaalaa Naqamteetti erga qabanii hidhaniin booda Jimaata dheengaddaa mana hidhaa ganda 05 jedhamu keessaa baasanii akka ajjeesan firootni fi hiriyootni isaa ni dubbatu.
Namni kun qaama hir’eeyyii ta’uun gargaarsa kan barbaadu ta’us, rakkoof harka osoo hin laanne tattaafatee jiraatus waraanni naasuu tokko Oromoof hin qabne, Abiy Ahimed tiksuu qofaaf hojjetan rasaasa itti roobsuun ajjeechaa sukkanneessaa irratti raawwatanii maatiin akka faca’uuf sababa akka ta’an namootni itti dhiyeenyaan hordofaa jiran Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

