Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensotni waraana raayyaa ittisa impaayerattii 4 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo irraa sirnicha ganuun WBOtti makaman

ONM-ABO Adoolessa 15, 2023

Ilmaan Oromoo qe’ee isaanii irraa humnaan qabamanii impaayeera Minilikii fi barcuma Abiy Ahimed akka tiksaniif leenjii waraanummaa fudhatan adeemsi bilxiginnaa sirrii akka hin taanee fi farra Oromummaa ta’uu hubachuun sirnicha gananii ba’uu itti fufanii jiru.

Ilmaan Oromoo sirna bilxginnaa keessa jiran qawwee fi hidhannoo fudhachuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamuu kan itti fufan yoo ta’u, kaleessa Adoolessa 14, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo mooraa magaalaa Seertumii irraa WBOtti makamanii jiru.

Ilmaan Oromoo kunneen qawwee Turkii 2, dachaatuu 2, hidhannoo guutuu waliin nagaan WBO bira ga’anii jiru.

Miseensotni waraana bilxiginnaa duranii kun qawwee diinaa baachuun saba isaanii dararaa turuutti dhiifama gaafachuun, warreen mooraa diinaa keessatti siyaasa goyomsaan qabamanii jiru, mooraa bilxiginnaa ganuun WBOtti akka makaman dhaamsa dabarsaniifii jiru.

Exit mobile version