Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensotni waraana bilxiginnaa 32 godina Lixa Wallaggaa fi Qellem Wallaggaa keessatti WBOtti harka kennatan

ONM-ABO Waxabajjii 30, 2023

Ijaarsi waraana bilxiginnaa sabboonummaa balfuun Itoophiyaa dirqii irratti ijaarame, akeeka impaayerattii fi aangoo nama tokkoo tiksuuf bobbaafaman, gocha badii ta’uu irratti dammaquun sirnicha gananii ba’uu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan torbee kana keessa godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii irraa loltootni PP 14 qawwee Turkii 8, dachaatuu 6, rasaasa 2800, boombii 8 fi hidhannoo 14 qabachuun sirnicha gananii WBOtti makamanii jiru.

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii mooraa magaalaa Gidaamii fi Qellem irraa loltootni 8 qawwee fi hidhannoo guutuu waliin WBO bira ga’anii jiru.

Aanaa Tajjoo irraa loltuun PP tokko ganee WBO bira yoo dhufu, Waxabajjii 27, 2023 aanaa Anfilloo mooraa magaalaa Ashii irraa loltootni PP 4 qawwee fi hidhannoo guutuun WBOtti makamanii jiru.

Kana malees guyyaa kaleessaa Waxabajjii 29, 2023 aanuma Anfilloo mooraa ganda Dollaa irraa loltootni Abiy Ahimed  2 qawwee Turkii 1, dachaatuu 1, rasaasa 600, mutaa qawwee dabalataan 1 fi hidhannoo 2 mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti galii taasisanii jiru.

Loltootni raayyaa ittisa impaayerattii bakkoota adda addaatti WBOtti makaman kun simannaa WBOn taasiseefitti gammaduun, gocha badii armaan dura sirni bilxiginnaa raawwachiseenitti uummata dhiifama gaafataniiru.

Xumura irrattis ilmaan Oromoo meeshaa diinaa baatanii murna garboomsaa tajaajilaa jiran, qawwee fi hidhannoo isaanii waliin sirnicha ganuun akka qabsoo saba isaanii WBOn durfamutti makaman dhaamsa dabarsanii jiru.

Exit mobile version