Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina lixa Wallaggaa ona Qondaalaa keessattii poolisoonni humna addaa lama Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatan

Godina lixa Wallaggaa ona Qondaalaa keessattii poolisoonni humna addaa lama Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatan.

ONM-ABO Fulbaana 13, 2022 Impaayera afaan qawween bultu Itoophiyaa keessatti murni Bilxiginnaa “soogidda soogiddaan cabsu” Akkuma jedhe ilmaan Oromoo Oromoo irratti bobbaasuun duguggaa sanyii raawwataa jira.

Haa ta’u malee sirna cubbuu dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa jiru kana keessa goyomsaa fi dirqamaan seenuun kan hojjechaa turan miseensotni poolisii humna addaa Oromiyaa lama Fulbaana 10,2022 mooraa godina Lixa Wallaggaa ona Qondaalaa keessaa ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatanii jiru.

Waraanni bilxiginnaa lamaan isaanii meeshaa AKM 2 akkasumas hidhannoo guutuu waliin sirnicha gananii jiru.
Poolisootni kunis dhiibbaan murni bilxiginnaa ijoollee Oromoo sirnichaaf hojjettan irratti raawwatamaa jiru baay’ee hamaa akka ta’ee fi olaantummaan saba Amaaraa keessatti akka calaqqisu ibsuun ilmaan Oromoo sirna kanaaf hojjechaa jiran sirnicha dhiisanii ba’uun gara Waraana Bilisummaa Oromootti akka harka kennatan dhaamanii jiru.

Exit mobile version