Miseensonnii Poolisii humna adda Oromiyaa sadii sirna bilxiginnaa ganuun kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo fi Qellem Wallaggaa Gidaamiitti gooticha waraana bilisummaa Oromootti harka kennatan.
ONM-ABO Onkoloolessa 19, 2022
Impayera bututtuu Itoophiyaa keessatti hojii loltummaatiin impayerattii kan tajaajilaan ilmaan Oromoo sirna dabaa fi cubbuu lubbuu ilmaan Oromoo balleessaa jiru irratti dammaquun gara moora qabsoo bilisummaa Oromootti harka kennachuu itti fufani jiru.
Haaluma kanaan Onkoloolessaa 18, 2022 godina kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo mooraa waraana bilxiginnaa magaala Tulluu Milkii keessa miliquun waraanni bilxiginna lama WBOtti harka kennachuu isaanii ajajaan WBO naannichaa Arraata
Biyyoolessa Oromiyaattii himee jira. Miseensonnii Poolisii humna adda Oromiyaa kun lamaan wallaalummaa fi mallaqaan sossobamanii sirnicha tajaajilaa turuu isaanitiif dhiifama gaafachuun meeshaa AKM 2, rasaasa AKM 300, boombii lama hidhannoo abbaa gumbii 4 lama waliin mooraa qabsoo bilisummaa Oroomo ABO-WBOn hogganamuuf gumachaniiru.
Oduma wal fakkaatuun Onkololeessaa 17, 2022 Godina Qellem Wallagga ona Gidaamii keessatti miseensi poolisii humna addaa Oromiyaa tokko fedha isaatiin gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harkaa kennate jira.
Miseensii poolisii humna addaa Oromiyaa kun qawwee AKM 1 hidhannoo guutuu fi rasaasa AKM 150 mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromootiif galii taasiseera.
Dhumaarrattis miseensonni waraana bilxiginnaa duraanii kun yeroo itti waraanni bilisumma Oromoo humnoomuun mirgaa hiree murteeffannaa uummatichaa mirkaneessuuf ga’ee leencaa ba’aa jirutti , ilmaan Oromoo leenjii waraanummaa fudhaachuun sirna faashistii tajaajila jirtan sirnicha ganuun gara Waraana Bilisummaa Oromootti kottaatii bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaaf shoora keessan ba’aa jechuun dhaammataniiru.

