Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensi poolisii humna addaa 5 Oromiyaa bakkoota garaagaraa keessaa mooraa diinaa ganuun WBOtti harka kennatan

Miseensi poolisii humna addaa 5 Oromiyaa bakkoota garaagaraa keessaa mooraa diinaa ganuun WBOtti harka kennatan.

ONM – ABO – Muddee 9, 2022 Ajjeechaa, saamicha, godaansaa fi hidhaa uummata Oromoo irratti murni bilxiginnaa raawwachaa jiru ilaaluun murni bilxiginnaa isaan qawwee baataniif jiran toora sirrii irra akka hin jirre kan hubatan ilmaan Oromoo fedhii isaanii malee humnaan qabamanii fi goyomsaan miseensa poolisii humna addaa Oromiyaa ta’an 5 sirnichaa ganuun WBOtti harka kennatanii jiru. Kaleessa Muddee 8, 2022 miseensi poolisii humna addaa Oromiyaa tokko godina Arsii lixaa aanaa Arsii Nageellee irraa WBO zoonii kibba baha Oromiyaa keessa sosso’utti qawwee AKM 1, rasaasa 150 fi hidhannoo waliin harka kennatee jira. Kana malees miseensotni poolisii humna addaa 2 lixa Wallaggaa fi 2 ammoo Qellem Wallaggaa keessatti gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti qawwee AKM 4 , rasaasa 600 fi hidhannoo 4 waliin WBOtti makamanii jiru. Miseensotni poolisii humna addaa kun gaaffii fi deebii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa waliin taasisaniin duguuggaa sanyii Oromoo irratti murna bilxiginnaan fi finxaaleyyii Amaaraa murnichi bobbaaseen raawwachaa jiru mormanii sirnichi Oromoo akka bakka hin buunee fi buqqa’uu akka qabu erga himaniin booda miseensota poolisii humna addaa Oromiyaa mooraa diinaa keessatti hafaniinis saba keessanitti dhukaasu irra gara saba keessaniif WBO waliin taatanii dhukaasuun Oromiyaa biyya taasisuutti akka dhuftan jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Exit mobile version