Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii 8 godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa fi Lataa Sibuu keessaa gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makaman

ONM-ABO Adoolessa 26, 2023

Abiy Ahimed TPLF mootummaa ana irraa fudhachuuf jechuun ilmaan Oromoo qe’ee abbaa isaanii irraa humnaa fi goyomsaan qabuun leenjii waraanummaa kennuufiin deebisee ilmaan Oromoo akka ajjeessaniif bobbaasuu isaa hubachuun kaayyoo sirnichaa ganuun ilmaan Oromoo miseensota waraana bilxiginnaa turan WBOtti makamaa jiru.

Haaluma kanaan torban kana keessa godina lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa keessaa miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii 7 qawwee fi hidhaannoo guutuun waraana bilisummaa Oromootti yoo dhufan namni 1 ammoo aanaa Lataa Sibuu keessaa ba’uun WBOtti makameera.

Ilmaan Oromoo miseensa waraana bilxiginnaa turan kun gama meeshaatiin qawwee Turkii 4, dachaatuu 4 , raasasa 1011 boombii harka 3 waliin sirnicha ganuun waraana bilisummaa Oromootti kan dabalaman yoo ta’u, ilmaan Oromoo sirna bilxiginnaa keessatti hafanii tajaajilaa jiraniifis dhaamsa kottaa gara qabsoo saba keessaniitti makamaa jedhu dabarsanii jiru.

Exit mobile version