ONM-ABO Adoolessa 1, 2023
Sirna dhaabbiitti jige hin utubnu jechuun ilmaan Oromoo loltummaan sirna bilxigginnaa tajaajilaa turan kan duraa irra caalaa hedduminaan mooricha ganuun gooticha waraana bilisummaa Oromootti harka laattachuu jabeessanii jiru.
Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa fi dheengaddaa waraanni Raayyaa ittisa impaayerattii baay’inaan 6 ta’an mooraa waraana bilxigginnaa godina lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa keessaa baduun WBOtti harka kennatanii jiru.

