ONM-ABO Adoolessa 31, 2025
Lixa Wallaggaa aanaa Ayiraa mooraa waraana pp bulchiinsa magaalaa Diillaa Gogolaatti argamu irraa Adoolessa 29, 2025 miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii 3:
- qawwee AKM 3 fi
- hidhannoo 3 qabachuun
WBO’tti harka kennatanii jiraachuu hooggansi WBO bakkichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.
Miseensonni waraana Bilxiginnaa duraanii WBO’tti harka kennatan kunneen sabaan Oromoo yoo ta’an, ilmaan Oromoo mooraa diinaatti hafaniinis; “qawwee ormaa baattanii du’a seenaa hin qabne du’uu irra dafaatii akka keenya yeroodhaan gara qabsoo saba keessaniitti makamaa” jechuun dhaamaniifii jiru.
Ergamtoonni Bilxiginnaa fedhaanis ta’u dirqamaan bututtuu impaayera Itiyoopiyaa tiksuuf goleewwan Oromiyaa cufatti bobbaafaman balfamaa sirna PP jibbuun guyyaa guyyaan irree fi gaachana uummata cunqurfamaa kan ta’e gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu itti fufanii jiru.

