• Sat. Jan 3rd, 2026

Miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii 3 Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Ayiraa keessaa hidhannoo guutuun WBO’tti harka kennatan

Jul 31, 2025

ONM-ABO Adoolessa 31, 2025 

Lixa Wallaggaa aanaa Ayiraa mooraa waraana pp bulchiinsa magaalaa Diillaa Gogolaatti argamu irraa Adoolessa 29, 2025 miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii 3: 

  • qawwee AKM 3 fi 
  • hidhannoo 3 qabachuun 

WBO’tti harka kennatanii jiraachuu hooggansi WBO bakkichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.

Miseensonni waraana Bilxiginnaa duraanii WBO’tti harka kennatan kunneen sabaan Oromoo yoo ta’an, ilmaan Oromoo mooraa diinaatti hafaniinis; “qawwee ormaa baattanii du’a seenaa hin qabne du’uu irra dafaatii akka keenya yeroodhaan gara qabsoo saba keessaniitti makamaa” jechuun dhaamaniifii jiru.

Ergamtoonni Bilxiginnaa fedhaanis ta’u dirqamaan bututtuu impaayera Itiyoopiyaa tiksuuf goleewwan Oromiyaa cufatti bobbaafaman balfamaa sirna PP jibbuun guyyaa guyyaan irree fi gaachana uummata cunqurfamaa kan ta’e gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu itti fufanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading