Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii 2 Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaa keessaa hidhannoo guutuun WBO’tti harka kennatan 

ONM-ABO Fulbaana 28, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa mooraa waraana Bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Ukkee irraa torban darbe keessa miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko qawwee AKM 1 hidhannoo guutuu waliin qabachuun WBO’tti harka kennatee jiraachuu hoggansi WBO bakkichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.

Loltoonni PP kunneen mooraa diinaa diiguu ittuma fufuun, Fulbaana 25, 2025 aanichuma mooraa waraana Bilxiginnaa Kaampii Solomoon jedhamee waamamu irraa miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko qawwee AKM 1 hidhannoo guutuu waliin qabachuun mooraa diinaa keessaa ba’ee WBO’tti harka kennatee jiraachuun dabalataan eeramee jira.

Miseensonni waraana PP duraanii Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatan kunneen sabummaan isaanii Oromoo yoo ta’an, ilmaan Oromoo qawwee ormaa baatanii du’a seenaa hin qabne du’aa jiraniinis, “dafaa yeroodhaan akka keenya meeshaa keessan qabadhaatii gara qabsoo saba keenyaa ABO-WBO’n geggeessaa jiruutti makamaa” jechuun dhaamaniifii jiru.

Exit mobile version