ONM-ABO Ebla 23, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa keessatti kan argamu mooraa waraana Bilxiginnaa Solomoon jedhamu irraa Ebla 21, 2025 loltoonni raayyaa ittisa impaayerattii sabaan Oromoo ta’an 3 qawwee AKM 2 hidhannoo guutuu waliin qabatanii karaa nagaa WBO’tti harka kennatanii jiraachuun
Loltoota impaayerattii harka kennatan kanneen keessaa 1 mooricha keessatti qawwee fi hidhannoon irraa hiikamee adabbii irra osoo jiruu hiriyoonni isaa lamaan haala mijeessaniifii hidhaa keessaa baasuun gara qabsoo saba isaaniitti nagaan makamanii jiru.
Akka miseensonni waraana PP duraanii kunneen jedhanitti, mooraan Bilxiginnaa shiraan ijaarame ifatti diigamaa jiraachuu himuun, isaanis jalqaba mooricha keessa oggaa buufatan baay’inni waraanaa nama 100 kan ture keessaa; wayita ammaa moorichatti kan hafe nama 30 kan hin caalle ta’uu himanii jiru.
