Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensonni Waraana PP 4 Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Yuubdoo fi Baha Wallaggaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessaa hidhannoo guutuudhaan gooticha WBO’tti harka kennatan

ONM-ABO Muddee 15, 2024 

Loltoonni Bilxiginnaa impaayera Itiyoophiyaa abbaa irree Abiy Ahimediin hoogganamtu jalatti goonkuma qawwee ormaa baannee hawaasa irraa dhalanne kan dhiigaaf lafeen tokko taane irratti daba hin hojjennu jechuun qalbii isaanii jijjiiratan goleewwan Oromiyaa cufa keessaa guyyaa guyyaan gooticha WBO’tti harka kennachuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan, miseensonni Raayyaa Ittisa impaayerattii 2 godina  Lixa Wallaggaa aanaa Yuubdoo mooraa waraana Bilxiginnaa magaalaa Yuubdoo keessaa Muddee 12, 2024 qawwee AKM 2 hidhannoo guutuu waliin qabatanii qe’ee Bilxiginnaa balfuun gara moonaa qabsoo Bilisummaa Oromoo nagaan gahanii jiraachuun himamee jira.

Kana malees Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa irraa loltoonni faashistii PP maqaa farra riphee lolaan of-waaman lama qawwee AKM 2, rasaasa 180 fi gumbii 6 moonaa sirnichaa keessaa baasuun galii dantaa qabsoo Bilisummaa Oromoof oolchaniiru.

Miseensonni waraana Bilxiginnaa duraanii kunneen sabaan Oromoo yoo ta’an, uummata Oromoos osoo hin beekin wallaalummaa isaaniitiin dararaa irraan gahaa turaniif dhiifama gaafachuun, ilmaan Oromoo mooraa Bilxiginnaatti hafanis dafanii yeroon meeshaa baatan qabatanii gara qabsoo bilisummaa Oromootti akka makamaniif carraa argatan kanaan ergaa isaanii dabarsaniifii jiru.

Exit mobile version