ONM-ABO Onkoloolessa 19, 2024
Humnoonni maqaa nageenya eegsisuun bobbaafaman waraanni Bilxiginnaa sarbama mirga namoomaa raawwachuu itti fufanis ilmaan Oromoo gocha kanatti waliigaluu didan keessaa baduun Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiru.
Mooraan dhiigni lammiilee nagaa keessatti dhangala’aa jiru mooraan garboomfataa PP sirnicha ganuu itti fufuun waraanni PP lama hidhannoo guutuu waliin Onkoloolessa 18, 2024 mooraa waraanaa godina Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu irraa WBO kan dhaqqaban yoo ta’u, guyyuma kana Onkoloolessa 18, 2024 miseensi raayyaa ittisa impaayerattii kan sabaan uummata kibbaa ta’e tokkos Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu irraa ba’uun beekameera.
Akka loltoonni mooraa sirnichaa irraa ba’an kunneen himanitti “sarbama mirga namoomaa akka raawwannuuf kan ajaja nuuf laatu warreen maqaa nuti mootummaadha hawaasaaf qabsoofna jechuun miidiyaa gubbaan holola oofaniidhas jechuun dubbatu.
Gama meeshaatiinis loltoonni ona Haroo Limmuu irraa ba’an kunneen qawwee AKM Turkii 1, dachaatuu 1, boombii harkaa 4, rasaasa 400 fi hidhannoo qabatanii yoo ba’aan kan Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu irraa ba’e ammoo AKM 1 qabatee ba’uun galii dantaa qabsoo Bilisummaa Oromoof oolcheera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo simannaa hoo’aa nuuf taasisan kan jedhan loltoonni kunneen, gara jabinaan hawaasa irraa dhalannetti yakka raawwachuu keenyaaf hawaasa Oromoo dhiifama gaafanna jechuun, loltoonni biroon mooraa cubbuu Bilxiginnaa keessatti hafanis yeroon WBO’tti akka dabalamaniif dhaamsa dabarsaniiru.

