ONM-ABO Waxabajjii 20, 2024
Duulli maqaa Bobbaa Irbuu Shinnigaan ABO-WBO’n labsame mooraa sirnichaa keessatti rifaatuu guddaa uumuun waraanni sirnichaas lubbuu isaanii baafachuuf jecha gara WBO’tti baqachaa jiru.
Akka kanaanis miseensi poolisii humna addaa Oromiyaa tokko kaleessa Waxabajjii 19, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Yuubdoo magaalaa Yuubdoo irraa qawwee fi hidhannoo guutuun WBO’tti harka kennatee jira.
Miseensi poolisii kunis qawwee AKM tokko fi rasaasa 90 hidhannoo waliin mooricha keessaa ba’uun WBO bira ga’eera.
Akka miseensi poolisii humna addaa Oromiyaa mooraa sirna bilxiginnaa keessaa sirnicha ganuun ba’e kun himetti, lukkeeleen bilxiginnaa nuun irbaata rasaasaa taasisuun waraana bilisummaa Oromoo hiddi isaa golee Oromiyaa guutuutti dagaagee jiru xiqqeessuun nu bobbaasanii du’atti nu oofuun teessumaa aangoo isaanii tiksina jechuun dubbate.
Animmoo kanin hubadhe sirni bilxiginnaa karoora fashalaa’aa qabatee nu fixuuf deemaa jiraachuu ta’uu kan hime loltuun mooricha keessaa ba’e kun, hiriyyoota isaa mooricha keessatti hafaniinis, haalli ittiin adeemaa turre milkiif osoo hin taane, ilmaan Oromoo walitti deebisanii fixuudha jechuun osoo yeroon isinitti hin barfatin WBO’tti dabalamaa jechuunis dhaamsa dabarseera.
Itti dabaluunis waraanni murni bilxiginnaa lolaaf bobbaasu hunduu dirqamaaf malee kan haamilee lolaa hin qabne, rifaatuu guddaan kan socho’uu fi yaadda’aadha jechuunis kan himu loltuun kun, bakka socho’uttis hawaasa bakka WBO’n jiru gaafatee kallattii WBO’n jiru irraa goruun hawaasa harka duwwaa ajjeesuu fi saamuu qofaadha jechuun himeera.

