Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Hawwaa Galaan irraa miseensi waraana garboomfataa PP tokko sirnicha ganuun WBO’tti makamuun dhaga’ame 

ONM-ABO Waxabajjii 11, 2025 

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan irraa miseensi waraana garboomfataa PP tokko qawwee AKM 1, rasaasaa fi hidhannoo mudhii qabatee miliquun WBO’tti makamuun dhaga’ame. 

Loltuun sirnichaa duraanii kun akka himutti dhiibbaa sanyummaatiin ilmaan Oromoo kanneen mooraa faashistii PP keessatti argaman Poolisii idilee, farra Riphee Lolaa, Raayyaa Ittisa Impaayerattii, Poolisii Federaalaa fi kanneen biroo keessatti argaman mirga yaada ofii ibsachuu dadhabuun maqaa ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun dararaan hidhaa hanga ajjeechaatti irratti raawwachaa akka jirus dubbata.

Akkasumas, gama Waraana Bilisummaa Oromootiin simannaa fi kabajni namummaa haalaan miidhagaa fi sabbonummaan guutame naaf godhameeras jechuun, yeroo mooraa PP  keessa turetti osoo beekuus ta’e, hin beekin daba saba Oromoo irratti taasisaa tureefis dhiifama gaafachuun, kanaan booda humnaa fi dandeettiin qabu guutuun saba garbummaan hidda irratti yaase uummata koof of-qusannaa tokko malee nan hojjedha jechuunis waadaa galeera.

Xumura irrattis loltoonni akkuma koo sababoota adda addaatiin qaama humna waraanaa faashistii PP’n doorsifamuun, butamuun, dirqisiifamuu ykn to’atamuun keessatti hirmaachaa jirtan yeroon keessaa ba’aatii abdii fi gaachana uummata Oromoo kan ta’e WBO’tti makamaa jechuun dhaamsa isaa dabarfateera.

Exit mobile version