ONM-ABO Waxabajjii 18, 2025
Waxabajjii 16, 2025 aanaa Mana Sibuu bulchiinsa magaalaa Karra-Waayyuu irraa loltuun murna PP tokko kan sabaan Oromoo ta’e hidhannoo guutuun WBO’tti harka kan kennate oggaa ta’u, gama meeshaatiin ammoo:
- qawwee AKM 1,
- hidhannoo 1,
- boombii 2 fi
- rasaasa 90
mooraa diinaa keessaa qabatee ba’uun nagaan WBO bira ga’ee jiraachuu WBO’n onicha keessa socho’u ONM’tti himee jira.
Loltuun sirnichaa duraanii kunis, simannaa Waraanni Bilisummaa Oromoo isaaf taasisetti gammaduu ibsuun hubannoo malee diinaaf meeshaa baatee ergamaa turuutti hawaasa isaa dhiifama gaafachuun ilmaan Oromoo mooraa balfamaa sirnichaa keessatti hafanii qawwee ormaa baachuun saba isaanii hiraarsaa jiraniinis osoo yeroon jiruu hidhannoo keessan qabachuun qabsoo bilisummaa uummata keessaniif ABO-WBO’n geggeessaa jirutti makamaa jechuun dhaameefii jira.
Diigumsii fi mancaatiin mooraa waraana Bilxiginnaa mudachaa jiru itti fufuun loltoonni sirnichaa abbaa irrummaa isaa hubatan osoo ilaalanii saba isaanii irratti garbummaa dheeressuu kan jibban guyyuu kutaalee Oromiyaa cufa keessaa hidhannoo fi qawwee isaanii qabachuun gara dirree qabsoo bilisummaa Oromootti makamaa jiraachuun kan beekamuudha.

