Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Lixa Shaggar Aanaa Tolee magaalaa Abeebee irraa miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko hidhannoo guutuu waliin WBO’tti harka kennate

ONM-ABO Ebla 27, 2025 

Ilmaan Oromoo abbaa irree impaayerattiin dirqiin leenji’uun sirna balfamaa PP’f qawwee baachaa turan mooraa cubbamaa keessaa hidhannoo guutuun WBO’tti makamuu itti fufuun, Ebla 25, 2025 godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee mooraa waraana PP magaalaa Abeebee irraa loltuun sirnichaa kan miseensa raayyaa ittisa impaayerittii ta’e tokko hidhannoo guutuun WBO’tti makamuu hooggansi WBO onicha keessa socho’u beeksise.

Loltuun sirnichaa duraanii kun simannaa WBO’n isaaf godhetti gammaduu ibsuun osoo hin hubatin sirna cunqursaa ilmaan Oromoo duguugaa jiru kanaaf qawwee baatee tajaajilaa turuu isaaf uummata Oromoo dhiifama gaafateera.

Murni Bilxiginnaa xiqqaaf guddaa osoo hin jenne ilmaan Oromoo afaan qawween ukkaamsuun leenjisee teessoo isaa ittiin tikfachuuf dhama’us kanneen miidhama saba isaanii hubatan guutuu Oromiyaa keessatti guyyaa guyyaan hidhannoo guutuun WBO’tti harka kennachaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya kan yaadatamuudha.

Xumura irrattis kanneen Oromoo ta’anii achi keessatti hafanii alagaaf ergamaa jiraniin, saba keessan hacuucuu irraa gara qabsoo saba keessanii ABO-WBO’n geggeefamaa jiruutti meeshaa keessan waliin itti makamaa jechuun dhaamsa dabarseefii jira.

Exit mobile version