ONM-ABO Ebla 24, 2025
Aanaa Anfilloo mooraa waraanaa PP magaalaa Seertumii keessaa loltuun waraana faashistii PP tokko Ebla 23, 2025 irree fi abdii uummata Oromoo kan ta’e gooticha waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu maddeen WBO gamasii ONM’f eeran.
Loltuun kunis dhiibbaa guddaan ilmaan Oromoo irra ga’aa jiraachuu kan himu oggaa ta’u, isa irrattis ajjeechaan ajajaa dhibbaa isaan hoogganuun irratti darbee turuu af-gaaffii ONM waliin taasiseen ibsee jira.
Ilaalchi sanyummaa mooraa waraanaa sirnichaa keessatti dagaagee jirus daran hammaachuun ilmaan Oromoo mooraa faashistii PP keessa jiran guyyaa guyyaan hidhamuu fi ajjeefamuunis irratti raawwachaa akka jirus itti dabaluun ibseera.
Gama meeshaan; qawwee AKM 1, hidhannoo 1, rasaasa 180 fi gumbii 2 qabachuun WBO’tti harka kennachuun barameera.
Loltuun sirnichaa duraanii kun osoo hin beekin murna saba isaa duguugaa jiruuf qawwee baatee tajaajilaa turuu isaatti dhiifama gaafatee simannaa WBO’n isaaf godhettis hedduu gammaduun, ilmaan Oromoo goyyomsaa fi dirqiin sirna balfamaa kanaaf ergamaa jiraniin yeroon hidhannoo fi qawwee keessan waliin gara WBO’tti makamuun biyya keessan Oromiyaaf lolaa jechuun dhaamsa darbarseefii jira.
