ONM-ABO Waxabajjii 27, 2025
Loltoonni impaayerattii mooraa waraana murna Bilxiginnaa ganuun guutuu Oromiyaa keessatti itti fufee kan jiru oggaa ta’u, Waxabajjii 25, 2025 aanaa Bachoo irraa miseensi farra riphee lolaa tokko:
- qawwee dachaatuu 1,
- rasaasa 90,
- gumbii 3 fi
- hidhannoo 1
qabachuun WBO’tti yoo harka kennatu,
gonichuma aanaa Tolee magaalaa Baantuu irraas loltuun sirnichaa tokko:
- qawwee 1,
- rasaasa 415,
- gumbii fi
- hidhannoo tokko
qabachuun nagaan WBO bira ga’ee jiraachuu hooggansi WBO onicha keessa socho’u ONM’tti himee jira.
Loltoonni sirnichaa duraanii kunneen simannaa WBO’n isaaniif taasisetti gammaduun dogoggoraan alagaaf qawwee baatanii tajaajilaa turuutti dhiifama gaafachuun, hiriyyoota isaanii ilmaan Oromoo ta’anii mooraa cubbamaa PP keessatti hafanii jiraniinis alagaaf ergamuu dhiisaatii osoo yeroon jiruu qawwee fi hidhannoo keessan qabachuun WBO’tti makamuun Bilisummaa saba keessaniif lolaa jechuun dhaamaniifii jiru.
Duula duguuggaa sanyii abbaan irree impaayerattii uummata Oromoo irratti geggeessaa jiru kan hubatan ilmaan Oromoo dirqii fi goyyomsaan qabamanii impaayerattiif ergamaa jiran diinummaa koloneel Abiy Ahimed hubachuun guyyuu hidhannoo guutuun WBO’tti makamaa jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa jiraachuun keenya kan yaadatamuudha.

