ONM-ABO Waxabajjii 12, 2025
Loltoonni impaayerattii sabaan Oromoo ta’anii fi sabootni biroon mooraa cubbamaa fi dabaa garee Bilxiginnaa keessaa miliquun yeroo addaa addaatti WBO’tti makamaa kan jiran yoo ta’u, Waxabajjii 10, 2025 godina Gujii Bahaa aanaa Waadaraa ganda Qundhee Ulaa Uloo irraa loltootni PP lama hidhannoo guutuun WBO’tti makamanii jiraachuu WBO’n onicha keessa socho’u Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.
Gama meeshaatiinis qawwee AKM 2, hidhannoo 2 fi rasaasa hedduu mooraa PP keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhanii kan jiran oggaa ta’u, akkasumas loltoonni sirnichaa duraanii kunneen simannaa WBO’n isaaniif godhetti hedduu gammaduun hubannoo malee sirna nama nyaataa Bilxiginnaaf qawwee baatanii ergamaa turuutti dhiifama gaafachuun, hiriyoota isaanii mooraa diinaa keessatti hafanii jiraniin ammoo, osoo yeroon jirtuu ormaaf ergamuu dhiisaatii hidhannoo keessan waliin WBO’tti makamuun saba keessan walaboomsuuf qabsaa’aa jechuun dhaamaniifii jiru.
Haleellaa WBO’n irratti taasisuun booji’amaa, du’aa akkasumas madoon adabamaa kan oolan loltoonni murna gabroomfataa impaayerattii kanneen lubbuun jiran ammoo diinummaa sirnichi ilmaan Oromoof qabu hubachuun guyya guyyaan Oromiyaa guutuu keessaa meeshaa isaanii qabachuun WBO’tti makamaa jiraachuu guyyaa irraa gara guyyaatti isiniif gabaasaa jiraachuun keenya kan yaadamuudha.

