Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gujii Lixaa Aanaalee garaa garaa keessaa miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii 3 hidhannoo guutuun WBO’tti harka kennatan

ONM-ABO Waxabajjii 8, 2025 

Waxabajjii 6, 2025 Gujii Lixaa aanaa Surroo Barguddaa ganda Ejersaa irraa miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii lama mooraa diinaa ganuun qawwee AKM 2 fi hidhannoo lama qabatanii WBO’tti harka kan kennatan oggaa ta’u, guyyaadhuma kana aanaa Galaanaa magaalaa Tooree keessaa miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko qawwee AKM 1 hidhannoo waliin qabatee WBO’tti makamee jiraachuu WBO’n godinicha keessa socho’u ONM’tti himee jira.

Loltoonni sirnichaa duraanii kunneenis nagaan WBO bira kan ga’an oggaa ta’u, simannaa WBO’n isaaniif taasisetti guddaa gammaduun kanaan dura hubannoo malee sirna cubbamaa kanaaf qawwee baatanii saba isaanii dararaa turuutti dhiifama gaafachuun, kanneen Oromoo ta’anii mooraa diinaa keessatti hafanii sirnicha tajaajilaa jiraniin, ormaaf qawwee baachuu irra kottaa yeroodhaan WBO’tti makamaa uummata keessaniif dhaabbadhaa jechuun dhaamsa dabarsaniifii jiru.

Murni Bilxiginnaa bututtuu impaayera Itiyoophiyaa deebisee uummata irratti gad dhaabuuf afaan qawween ilmaan hiyyeessaa guuree leenjisus kanneen quuqamaa fi jaalala saba isaanii qaban goleewwan Oromiyaa cufa keessaa guyyuu hidhannoo fi qawwee isaanii qabatanii WBO’tti makamuu cimsanii itti fufanii jiru.

Exit mobile version