Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gujii Lixaa Aanaa Galaanaatti miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii lama WBO’tti harka kennatan 

ONM-ABO Waxabajji 18, 2025 

Sirni abbaa irree impaayerattii kan nageenya lammiilee irraa dantaa hin qabne barcuma aangoo isaa qofa tikfachuuf jecha yeroo adda addaatti afaan qawweetti fayyadamuun ilmaan Oromoo gara dirree waraanaatti guuree lolaaf leenjifatus kanneen hiika Oromummaa fi Itiyoophiyummaa adda baasanii hubatan mooraa sirnichaa ganuun WBO’tti harka kennachaa jiru.

Bifuma kanaan godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa ganda Ejersa Milgaanoo jedhamu irraa  miseensotni waraana raayyaa ittisa impaayerattii lama: 

Miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii duraanii kunneen simannaa ho’aa WBO’n taasiseefitti hedduu gammaduun kanaan dura fedhii fi kaka’umsa keenya malee dirqamaan bakka hojii idilee keenya irraa afaan qawween nu qabanii gara mooraa waraanaatti nu ergan jechuun kan himan hidhattoonni kunneen, aggaammii dabaa ergamtoonni sirnichaa Oromoo irratti raawwachuun saba tokkicha hiree tokko qabu addaan qoqqoodanii wal irratti nu dhukaasisaniif balleessineerra jechuun dhiifama gaafataniiru. 

Dhuma irrattis hiriyoota isaanii kanneen mooraa diinaa keessatti hafanii uummata isaanii irratti ergama diinummaa Abiy Ahimed irraa fudhachuun raawwachaa oolaniin sabni ofii kan qabsaa’aniifii duukkana gabrummaa keessaa baafatan malee kan ormaa wajjin itti qabsaa’an miti waan ta’eef yeroon gara qabsoo sabaatti kottaa dabalamaa jechuun dhaamsa Oromummaa dabarsaniifii jiru.

Exit mobile version