ONM-ABO Sadaasa 5, 2024
Loltoonni bilxiginnaa dargaggoota Oromoo fedhii isaanii malee dirqamaan butuun ” impaayera keenyaaf loli” jedhanii bara dhufaa darbaa humnaan mooraa leenjii waraanaatti guuruun erga leenjisanii baasanii bakka hojii isaaniitti shakkanii dararaa hamaa irra ga’uu fi rakkoo keessoo isaaniitti uumamu nuffuun dargaggoonni eenyummaa ofii beekan sirnichi nama nyaataa ta’uu erga gadi fageenyaan hubatanii gara kaayyoo uummata Oromoo isa dhugaatti dhufanii irree fi gaachana sabaa kan ta’e WBO’tti makamuun mooraa diinaa onsaa jiru.
Godina Gujii Lixaa aanaa Malkaa Sooddaa ganda Dhuujjubaa jedhamu irraa miseensonni Raayyaa Ittisa Impaayerattii lama mooraa PP keessaa ba’uun Sadaasa 3, 2024 Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatanii jiraachuun ibsameera.
Akka miseensonni Raayyaa Ittisa Impaayerattii WBO’tti harka kennatan kunneen jedhanitti, “ilmaan Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa adda addaa akka raawwannuuf dirqamni nutti kennama, osoo hin jaallatin saba keessaa baane irratti reebicha, saamicha, ajjeechaa, gubaatii manneenii fi qe’eerraa godaansisuu raawwataa oolla jechuun yeroo ammaa mooraa sana keessaa baanee waraana dhugaan saba keenyaaf qabsaa’utti makamuu keenyaaf gammachuu guddootu nutti dhaga’amas jedhan.
Loltoonni kunneen, hoggaa gara Waraana Bilisummaa Oromoo bakkichaatti dhufanii harka kennatan, kunuunsa gaarii isaaniif godhametti baay’ee gammaduun mooraa diinaa keessaa qawwee AKM lamaa fi hidhannoo mudhii guutuu fidan mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhanii jiraachuun barameera.
Dhaamsi nuti qabnu, kanneen mooraa waraana Bilxiginnaa keessa jirtan akkuma keenyatti qawwee fi hidhannoo keessan fidaatii waraana loltuu dhugaa ta’ee saba isaaf halkanii fi guyyaa jooree jaawwaru WBO’tti harka kennadhaa” jechuun loltoota impaayerattii jala jiraniif dhaamsa dabarsanii jiru.

