Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Gujii Lixaa Aanaa Malkaa Sooddaa irraa miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko WBO’tti harka kennachuun himame

ONM-ABO Waxabajjii 8, 2025 

Godina Gujii Lixaa aanaa Malkaa Sooddaa mooraa hidhattoota sirnichaa Dhuujumaa jedhamu irraa kaleessa Waxabajjii 7, 2025 miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko kilaashii AKM 1 hidhannoo guutuu waliin qabatee Waraana Bilisummaa Oromoo onicha keessa socho’utti harka kennachuu hooggansi WBO naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessee jira. 

Miseensi waraana impaayerattii duraanii kunis haalli danqaa fi bu’aa ba’iin tokkollee osoo isa hin mudatin bakka xiyyeeffannoo isaa kan ta’e WBO bira nagaan ga’uu isaatti hedduu kan gammade yoo ta’u, simannaa hoo’aa gootichi Waraana bilisummaa Oromoo godheefitti daran boonuun jaalalaa fi kabaja WBO’n Oromoof qabus dinqisiifachuun waraanichi qabsaa’aa haqaa kan dhugumaan saba isaaf of laate ta’uu sirnaan hubadheen jira jechuun gammachuu isaa ibsatee jira.

Dhuma irrattis kanneen beekaas ta’e osoo hin hubatin dogonggoraan diinaaf meeshaa ta’anii impaayerattii utubuun hololaa fi kijiba diinaa dhugeeffatanii hawaasa isaanii irratti ajjeechaa suukkanneessaa fi gochoota aad-malee garaa garaa raawwachaa oolaniin osoo isinitti hin barfatin qawwee fi hidhannoo keessan qabadhaatii yeroon gara qabsoo sabaatti dabalamaa jechuun dhaamsa Oromummaa dhaameefii jira.

Exit mobile version