ONM-ABO Adoolessa 30, 2024
Loltootni Bilxiginnaa taayitaa Abiy Ahimed akka tiksaniif dirqii fi gowwomsaan qabamanii leenjii fudhachuun bobbaafaman badii sirnichaa ilaaluun mooricha keessaa gananii WBO’tti makamuu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan kaleessa Adoolessa 29, 2024 godina Gujii Lixaa keessatti miiseensi waraana PP tokko qawwee fi hidhannoo guutuun mooraa waraana Bilxiginnaa keessaa ganuun WBO’tti makamee jira.
Guyyuma kaleessaa kana miseensi waraana Bilxiginnaa 1 qawwee fi hidhannoo guutuu waliin godina Gujii Lixaa aanaa Malkaa Sooddaa irraa WBO’tti makamee jira.
Miseensotni waraana Bilxiginnaa kunneen akka yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf kennanitti, mooraan Bilxiginnaa mooraa diinummaan Oromummaa keessatti dagaageedha jechuun, gaaffii mirgaa gaafachuun ilaalcha WBO qabda jedhamuun hidhaa fi ajjeechaaf nama saaxila jedhan.
Moorichi ajjeechaa, hidhaa fi miindaa kutuun loltoota isaa ukkaamsee qabee jira malee tokkummaa hin qabu kan jedhan loltootni Bilxiginnaa duraanii kun, mooricha keessaa ba’uutti gammadanii, ilmaan Oromoo achi keessatti hafanis keessaa akka gananii Waraana Bilisummaa Oromootti makaman dhaamsa darsaniiruuf.
