Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensi waraana PP tokko Gujii Lixaa aanaa Galaanaa irraa WBO’tti makame

ONM-ABO Adoolessa 15, 2024

Murni bilxiginnaa dheebuu aangoo irra bubbuluuf qabu irraa ka’uun barcuma isaa tikfachuuf loltoota hedduu leenjisee dirree waraanaatti erguu itti fufus loltootni inni abdatee, da’annoo dhumaa Itoophiyummaati jechuun miidiyaa irraa dhaadatu, Bilxiginnaan sirrii akka hin taane hubachuun keessaa badaa jiru.

Haaluma kanaan dheengadda Adoolessa 13, 2024 waraanni faashistii PP tokko godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa irraa qawwee fi hidhannoo guutuun WBO’tti makamee jira.

Miseensi waraana Bilxiginnaa duraanii kun sirnicha keessatti fedhii isaan ala humnaan qabamee tajaajilaa turuuf, qajeelfama dabaa bilxiginnaa raawwachiisaa turuu dubbachuun, badii sirnicha keessa taa’ee uummata Oromoo irratti raawwateef dhiifama gaafateera.

Dhuma irrattis ilmaan Oromoo miseensota waraana Bilxiginnaa achi keessatti hafan mooraa sana keessaa qawwee fi hidhannoon ba’anii akka WBO’tti makaman waamicha taasiseeraaf.

Exit mobile version