Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Gujii Lixaa Aanaa Galaanaa keessatti miseensi raayyaa ittisa Impaayera Itiyoophiyaa tokko hidhannoo guutuu waliin WBO’tti harka kennate

ONM-ABO Onkoloolessa 21, 2024 

Waraanni goolessaan bilxiginnaa naamusa waraanummaa dhabuu fi lammilee impaayerattiif eeggannoo fi eegumsa barbaachisu gochuu dhabuun isaa sababa ijaarama isaa jalqabaa irraa kaasee rakkoo qabaataa tureef yoo ta’u, kunis gara diigamuu fi sirnicha gananii ba’uutti waraanicha kakaasee jira.

Mooraan waraanaa biyya kamiiyyuu sababa uummata isaaf kabaja qabuuf, hawaasa biratti fudhatamaa fi ulfina guddaa kan qabu yoo ta’u,  garuu Impaayera Itiyoophiyaa keessatti faallaa kanaa uummataaf yaaddoo waan ta’aniif waraana balfamaa ta’uu irraan kan ka’e waraanichuma birattii fi uummata biratti cigaassisaa isa taasiseera.

Kanaan wal qabatee waraanicha keessatti haamilee dhabuu, harcaatii akkasumas meeshaalee sirnichaa guuranii gananii ba’uu baay’ee akka hammeessee jiruu fi mooraa Bilxiginnaa onsaa jiraachuun mul’ataa jira.

Haaluma kanaan kaleessa Onkoloolessa 19, 2024 Zoonii Kibbaa koonyaa Gujii Lixaa aanaa Galaanaa keessatti miseensi raayyaa ittisa impaayera Itiyoophiyaa tokko hidhannoo guutuun sirnicha ganee WBO’tti harka kennachuun baramee jira.

Ilmaan Oromoo hanga ammaati qawwee nyaaphaa baatanii dhiiga uummata isaanii dhangalaasaa, saamaa akkasumas gochoota suukkanneessaa biroo hojjetan akka ofitti deebi’anii qabsoo bilisummaa Oromootti  dabalaman dhaamsa isaa dabarfateera.

Exit mobile version