Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii Bilxiginnaa godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaa magaalaa Arjoo Guddattuu keessatti hawaasa nagaa hidhuu fi saamuu itti fufe

ONM-ABO Fulbaana 21, 2024

Hammeenyi uummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru kan qixxee hin qabne yoo ta’u, uummata Oromoo karaa siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaan cabsanii bituuf jecha kaadiroonni PP tooftaa abboota isaanii warreen impaayera Itiyoophiyaa ijaaruuf dhama’aa turan irraa dhaalaniin Oromiyaa dirree mancaatii fi hidhaa taasisanii jiru.

Haaluma kanaan, guyyaa dheengaddaa Fulbaana 19, 2024 waraanni goolessaan PP godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaa magaalaa Arjoo Guddattuu ganda 02 keessatti abbaa ijoollee lamaa kan ta’e nama maqaan isaa Waaqbulchoo Shukkee Guutamaa jedhamu, “obboleessa keetu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti” maqaa jedhuun badii tokko malee mana hidhaatti darbachuu maddeen keenya himan.

Akka maddeen himanitti, namni kun mana hojii rifeensaa dalagee maatii isaa kan jiraachisu yoo ta’u, nama siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabnee fi hawaasa naannoo biratti jaallatamummaa guddaa qabu ta’uus Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Exit mobile version