Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo fi aanaa Diggaa keessatti doorsisni abbootii qabeenyaa irratti jabaatee jiraachuun dhaga’aame

ONM-ABO Amajjii 8, 2024

Haala labsii uggura lagannaa qeerroon bilisummaa Oromoo yeroo ammaa akka guutuu Oromiyaatti labsee jiru yaaddoo kan itti ta’e kaadiroota PPtti,abboota qabeenyaa sochii qeerroon bilisummaa Oromoo ajaja dabarsee hojii irra oolchan doorsisni fi saamichi waraana sirna PPn irratti adeemsifamaa akka jirutu himama

Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo magaalaa Arjoo Awuraajjaa keessatti abboota qabeenyaa konkolaataa dhuunfaa isaanii qaban kaadirootni sirna PP umuriin gadaa isaanii saamichaan dagage,Amajjii 5, 2024 Waajjiraa paartii bilxiginnaatti walitti qabuun,isin ajaja keenya fudhachuu dhiistanii deggersa qeerroo bilisummaa Oromoo agarsiisuuf hojii dhaabdan jechuun adabbiif namoota saaxilaa jiraachuun himame

Yeroo ammaa magaalaa Arjoo Awuraajjaa keessatti adabbiin abboota qabeenyaa iratti murtaa’ee jiru akka namootni ONM dubbise himanitti,Amajjii 6, 2024 irraa kaasee namootni sochii hin taasisne qarshii kuma afurtamaa fi hidhaa ji’a sadiin adabamtu jedhanii namoota hedduu illee yeroo ammaa qabanii hidhanii akka jirantu dubbatama

Oduma saamichaan wal qabatuun ammoo aanaa Diggaa magaalaa Arjoo Guddattuu keessatti uggura labsiin kan wal-qabatu waraanni faashistii PP konkolaataa magaalaa Arjoo Guddattuu keessa buufatee jiru cufa mooraa waraanaatti galchuun midhaan konkoolataa irra jiru guutuu akka saaman beekameera.

Exit mobile version