Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Jimmaa Arjoo keessatti waraanni maafiyaan PP manneen uummataa ibiddaan barbadeessuu jabeessee itti fufe

ONM-ABO Amajjii 24, 2025 

Waa’ee dantaa dhuunfaa isaanii malee kan uummata afaaniin “nutu bulchaa jira” jedhanii of dhaadan sun hanguma xurii qeensaa illee homaa kan itti hin fakkaanne ergamtoonni murna maafiyaa PP, tibba kana ammoo abdii kutannaa isa dhumaa keessa seenuun ilmaan Oromoo irratti gara jabina hamaan bobba’anii miidhaa geessisaa jiru.

Aanaa Jimmaa Arjoo ganda Haraa Gabatoo jedhamu keessaa Amajjii 14, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Jaldee Wandee fi
  2. Dabalaa Tasfaayee 

jedhaman ergamtoonni sirna nama nyaataa PP sababa tokko malee mana jireenyaa isaanii qabeenya hunda waliin ibidda itti shiduun jalaa barbadeessanii jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattonni himanitti, namoonni qe’ee fi qabeenyi isaanii loltoota sirnichaan jalaa gubate kunneen namoota nagaa siyaasa kam illee hin hordofne ta’uu himuun, sababa sobaa “Qeerroo Bilisummaa Oromoo waliin hojjettu” jedhuun gochi gara jabinaa kun irratti raawwatamuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version