ONM-ABO Amajjii 11, 2025
Impaayerattii bakkeewwan addaa addaatti duulli duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti raawwatu yeroo ammaa haala duraan barameen olitti hammaatee itti fufee jira.
Aanaa Jimmaa Arjoo ganda Waamaa Kuraa iddoo addaa Karra Bubbee jedhamu irraa Amajjii 6, 2025 nama Tasfee Maaramaa jedhamu waraanni maafiyaan Abiy Ahimed sababa tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii jiraachuu jiraattonni gandichaa dubbisne ONM’tti himanii jiru.
Namni ajjeefame kun nama nagaa siyaasa kam keessa illee hin jirre yoo ta’u, ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun ajjeesanii jiraachuun eeramee jira.
Oduuma wal fakkaatuun godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Dhallaaduu Waabaraa jedhamu keessaa Amajjii 6, 2025 loltoonni faashistii PP Obbo Beekamaa Abrahaam nama jedhamu badii tokko malee mana isaatii gadi baasuun maatii isaa fuulduratti haala suukkanneessaa ta’een rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees godinuma kana aanaa Qondaalaa ganda Waanjaa Cirrii jedhamu keessatti ammoo Amajjii 5, 2025 daa’ima umurii 14 kan ta’e Maammed Zaayid Tashaaluu kan jedhamu maqaa “abbaa kee bosona jiruuf bilbiltee odeessa kennita” jedhuun, reebicha hamaa irraan gahaa fudhanii deemuun achi buutee isaa dhabamsiisanii kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

